Tiraamp Fooramii Dinagdee Addunyaa Daavos keessatti gaggeeffamerratti Pirezidantii Masirii Abdell Fattaah Al- Siisii waliin marii kora kana maddiitti taasisaniin dhimma Laga Abbayyaarratti Itoophiyaa fi Masiriin waliigalteerra gahuu danda'u jedhee akka amanu dubbateera.
Hidhaan Laga Abbayyaa "bishaan Naayil akka hin yaane" godha kan jedhe Tiraamp, biyyoota lamaan gara mariitti fiduu akka barbaadu dubbachuusaa maddi oduu Anaaduuluu gabaaseera.
"Haala rakkisaadha. Hidhaa kana kan ijaaran karaa bishaan waggoota miliyoonaaf yaa'urrattidha. Amma bishaan kun sababa hidhaa guddaa tokkootiin hidhameera ," jechuun turtii Pirezidant Al- Siisii waliin turti itaasiseen dubbateera Pirezidant Tirmap.
"Hidhaa kana ilaalchisee waan ta'e gochuun nurra jiraata jedheen yaada. Hidhaan kun rakkoo guddaadha. Waan ta'e ni goona," jedhe Tiraamp itti dabaluun.
Tiraamp torban darbe Finfinnee fi Kaayiroo gidduutti marii jalqabsiisuuf yaada akka qabu dubbachuun isaa ni yaadataa.
"Ati pirezidantii cimaadha," jechuun Al -Siisii kan dinqisiifate Tiraamp hariiroo Masirii waliin qaban jabeeffachuuf akka hojjetanis yeroo marii taasisan kanatti ibsuu isaa Fox News gabaaseera.
"Itoophiyaanis gaggeessaa cimaa qabdi. Dhugaadha akka kee kanatti hin beeku garuu nama cimaadha. Lamaan keessan walitti dhiyeessinee waliigalteerra gahuuf yaalla."
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp torban darbe xalayaa Pirezidantii Masirii Abdel Fattaah Al _Siisiif ergeen "miira michummaa dhuunfaa waliin qabnuufi nageenyaafi tasgabbii ummata Masiriif murannoon qaburraa" dhimma Hidha Haaromsaa ilaallatuun marii jalqabuu akka barbaadu ibsuun isaa ni yaadtama.