Israa'el maaliif mootummaan Iraan akka kufuuf Tiraamp amansiisuuf yaaltii?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo US humna waraanaa Baha Giddu Galeessaatti sochoosuun Iraan haleeluu dandeessi sodaan jedhu hammaatee jirutti gaggeessitoonni Israa'el bifa kana dura hin baramneen callisuu filataniiru.
Torbanoota muraasa dura yeroo Iraanitti mormiin jabaatee ture, lammiileen Iraan mormiisaanii akka itti fufan dubbachuun alatti, Ministiirri Muummee Israa'eel Beeniyaamiin Netaaniyaahuun amma yeroo Tiraamp humna waraanaa gara Iraanitti siqsuun Iraanitti dhaadataa jirutti ifatti bahee waan dubbate hin qabu.
Yeroon Tiraamp humna gara Baha Giddu Galaatti sochoose kun Netaaniyaahuuf carraa guddaa akka ta'e hima waggoota hedduuf tika Humna Waraanaa Israa'el keessa kan hojjateefi amma Inistiitiyuutii Qorannoo Nageenya Biyyaalessaa Israa'elitti qorataa olaanaa dhimma Iraan kan ta'e Daanii Sitirinoowich.
"Yeroo US humna guddaa Galoo Galaana Galf keessaa qabduufi Tiraamp Iraan haleeluuf fiixerra gahe kanatti callisuunsaa Netaaniyaahuuf carraa guddaa argatee hin beeknedha," jedha.
Qondaala olaanaa duraanii tika Israa'el kan ta'e Asaaf Kooheen, Israa'el ammatti callisa filachuunsee tarsiimoo mataasaa danda'e ta'uu ibsa.
"Gaggeessitoonni Israa'el marsaa kana Ameerikaan [haleellaa gaggeeffamuu malu] akka dursitu hayyamuu qabna jedhanii amanu; sababni isaa Ameerikaan caalatti cimtuu, humna waraanaa jabaa kan qabduufi addunyaarrattis caalmatti fudhatama waan qabduuf."
Netaaniyaahuun Iraan yaaddoo nageenyaa cimtuu Israa'el akka taatefi Baha Giddu Galeessaa keessatti madda jeequmsaati jedhee amana. Yeroo kanatti callisuun isaa michuusaa jabaa kan ta'e bulchiinsa Tiraamp waliin homaa hin mariyanne jechuu miti.
Torbanuma kana keessa itti gaafatamaan Tika Humna Waraanaa Israa'el Shiloomii Bindar Washingtanitti imaluun ejansiiwwan tikaa US wajjin wal-arguun mariyataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti, qabxiin ijoon mariisaanii haleellan yoo gaggeeffame bakkeewwan qiyyaafannoo Iraan keessatti haleelamuu qaban irratti akka ta'eedha.
Daanii Sitirinoowich akka jedhutti, Netaaniyaahuun US haleellaa cimaa mootummaa Iraan kuffisuu danda'u akka gaggeessitu ifatti ta'uu baatuus dhuufadhaan Tiraampitti wawwaataa jira.
Torbaniitan dura Iraanitti mormiin uummataa yeroo ka'e, Tiraamp haleellan akka gaggeeffamu barbaadus Netaaniyaahuun yeroo sanatti haleellaan akka hin gaggeeffamneef Tiraamp gaafatee ture. Sababni ammoo haleellaan US gaggeesuuf karoorsite xiqqaafi mootummaa Iraanirratti dhiibbaa guddaa kan fiduu hin dandeenye ta'uu waan bareef akka ta'e hima Daanii Sitirinoowich.
Tiraamp amma tarkaanfii Iraanirratti fudhachuu maluuf filannoo garaa garaa qabatee jira: haleellaa xiqqaa ykn haleellaa guutuu mootummaa Iraan kuffisuu danda'u gaggeessuu mala.
Michoota US dabalatee biyyoonni heddu mootummaa Iraan kuffisuun naannawa Baha Giddu Galaa balaarra akka buusu yaaddoo qaban ibsanis, Israa'el garuu mootummaan Iraan kufuun yaaddoonshee guddaan akka ka'etti fudhatti.
Mootummaan Iraan yoo kufe Israa'el yaaddoo mootummaan Ayaatolaa misaa'ela balistikaafi guyyaa tokko ammoo boombii nikularaa hidhata jedhutu qomarraa bu'a.
Gama biroon ammoo humnoota faallaa Israa'el dhaabbataniifi Iraan irraa deeggarsa argatan akka laaffatan ishee gargaara.
Inistiitiyuutiin qorannoo Israa'el Alma jedhamu akka ibsetti, Hezbollaa qofaan misaa'elotaafi rekkoottiiwwan 25,000 hidhatee jira.
Miseensonni paarlaamaa Israa'el tokko tokko ammoo Iraan irratti tarkaanfii murtaa'aa gaggeessuun ykn waliigaltee tolchuun nageenya Istaa'eliif yaaddoo dabalataati jedhanii amanu- mootummaan Iraan amma jiru kufuu qaba jedhu.
Waraana guyyaa 12 Israa'el waliin gaggeessiteen Iraan haleellaa Israa'eliif deebii cimaa kennitetti. Magaalota Israa'el misaa'elaan haleeluu dandeessetti. Waraanni marsaa biraa yoo eegale, kan kana duraa caalaa of qopheessuun haleellaa Israa'el irratti miidhaa geessisuu danda'u raawwachuu dadeessi.
Erga ganna darbe Israa'el wajjin wal-haleelanii as Iraan misaa'elota omishaa jirti. Torbanuma kana qondaalli olaanan Iraan, Israa'elis ta'ee US haleellaa marsaa biraa gaggeessu taanan, Tel Aviiv bifa kana duraa caaluun haleelamuu akka dandeessu ibse.
"Mootummaan Iraan hin jijjiiramu taanan Israa'el haleellaa misaa'elaaf akka saaxilamtu Netaaniyaahuun yaaddoo qaba. [Iraan] misaa'ela akka hin omishne gochuuf mootummaan kufuu akka qabu, garuummoo mootummaan Iraan kan kufu deeggarsa US qofaan akka ta'e [Netaaniyaahuun] hubateera," jedha qondaala tikaa duraaniifi qorataa dhimma Iraan kan ta'e Daanii Sitirinoowich.
Iraan waraana ganna darbeen humnishee baay'ee jalaa miidhamuun, humnoonni naanoo Baha Giddu Galaa isheen deeggartu jalaa dadhabaa deemufi mormiin torbanoota biyyattii raase mootummaa Iraan garmalee saaxiluun haleellaa gaggeessuuf carraa akka uumu hima Asaaf Koheen.
"Iraan yeroo ammaa baay'ee dadhabdee jirti- kuni [haleellaa irratti gaggeessuuf] carraa deebi'ee hin argamneedha. Yeroonsaa amma jedhanii kan amanan namoota hedduudha. Amma hin taane taanan, yomiyyuu hin ta'u kan jedhanii amanan hedduudha," jedha.
Jiraattonni Tel Aviiv ammayyuu caccabaa gamoowwan haleellaa Iraan ganna darbe miidhaman waliin jiraataa jiru; waraanni marsaa biraa akka hin oolle qalbiinsaanii beeka.
"Gaggeessitoonni keenya carraa amma argame ni balleesssu jedhee hin yaadu," jedha dargaggeessi ganna 20 ta'uufi magaalaa Tel Aviiv keessa jiraatu.
"Haleelladhaanis haa ta'u mala biraan...mootummaa [Iraan] kuffisuuf haala uumuu qabna," jechuun haleellaa Iraanirraa dhufu dandamachuun mootummaan Iraan jiraachuu akka qabu amana.

Madda suuraa, Dave Bull/BBC
Lammiileen Israa'eel hedduunsaanii haleellaan waraanaa Iraanirratti akka gaggeeffamuu qabu akka deeggaran qorannoon gaggeeffame ni agarsiisa.
Haa ta'u garuu shakkiin mootummaa Iraan kuffisuun jira; sababni isaa humna waraanaafi deeggaroota Ayaatolaa biratti ammayyuu gargar cabuun ykn rakkoon hamaan kufaatii mootummaaf yaaddoo ta'u keessodhaa dhalate hin jiru.
Mootummaan Iraan yoo kufe ammoo eenyutu bakka bu'uu danda'a kan jedhus ifa miti.
Haleellaa qilleensaa gaggeeffamuun qofa mootummaan Iraan ni kufa kan jedhus yaaddoo biraa xinxaaltonni waraanaa qabaniidha.
Gama biraan ammoo Netaaniyaahuun bara kana filannoo gaggeeffamuuf waan qabatamaa deeggarsa akka argatu isa taasisu gochuu barbaada. Mootummaa Iraan kuffisuu ykn gaggeesaa olaanaa Iraaan Ayaatolaa Kameeniin akka ajjeefamu gochuu.
Netaaniyaahuun qumaara kana taphachuu akka barbaadu kan ibsu Daanii Sitirinowich, Ayaatolaa booda waan dhufuuf jiruuf dhimmasaa akka hin taane ibsa.
"Netaaniyaahuun Ayaatolaan erga [ajjeefamee] booda maaltu ta'a kan jedhu dhimmasaa miti. Tiraamp waliin ta'uun mootummaa Iraan mancaasera jedhee akka namni isa ilaalu barbaada," jechuun garuu karoora Netaaniyaahuu kanaaf ammayyuu Tiraamp qormaata akka ta'e kaasa.

Madda suuraa, Getty Images
USfi Iraan marii gaggeessuuf fedhii akka qaban ibsanis Tiraamp haal-duree lafa kaa'era: Iraan gabbisa nikularaa guutummaan akka dhaabdu, omisha misaa'ela bilaastikaa akka xiqqeessituufi deeggarsa humnoota hidhatan Baha Giddu Galeessaa keessa jiraniif taasiftu akka dhaabdu.
Gaggeessitoonni Israa'el ammoo marii Iraan waliin godhamu kamiyyuu cimsanii mormu.
Asaaf Koheen akka jedhutti, Iraanifi US lamaansaanituu marii barbaadu, garuummoo walii hin galan taanan US haleellaa gaggeessunshee waan hin oolledha.
Tiraamp haal-dureewwan heddu al-tokkotti diyeessurra, dhimma nikulara Iraan qofaarratti akka xiyyeeffatu mallattoowwan akka jiran kan ibsu Asaaf Kooheen, kuni taanan naannoon Baha Giddu Galaa xiqqoo akka aara galfatu ibsa.












