Faransaay gaa'ela keessatti saal-quunnamtiin dirqama tahuu haquufi

Mana-maree Faransaay

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Faransaay yaada dirqamni gaa'elaa saalqunnamtii raawwachuuifidha jedhu haquuf seera baasuurratti hojjechaa jiraachuu beeksifte.

Gaa'ela keessatti 'inni tokko [fedhii] saalqunnamtii isa kaanirraa argachuuf mirga qaba' yaada jedhuti jira.

Kun "conjugal rights" jedhama. Kana jechuun ammoo barbaachisummaan gaa'elaa saalqunnamtii argachuu ykn raawwachuudha jechuudha.

Wixineen seeraa Kibxata darbe Mana Maree Biyyaalessaatti ragga'e, kun "hawaasni/namni waliin jiraatu" "dirqama hariiroo saalaa qabaachuun" akka dirqama hin taane ifa gochuuf seera siviilii biyyattii irratti keewwata dabaleera.

Seerri yaadame kun gaa'ela keessatti wal hiikuuf walqunnamtiin saalaa dhibuun/hanqachuun sababa ta'uu akka hin dandeenye taasisa.

Manneen murtii keessatti dhiibbaa guddaa qabaachuun isaa hin oolu ta'us, deeggartoonni seerri kun gudeeddii gaa'elaa ofirraa ittisuuf akka gargaaru abdatu.

"Mirga ykn dirqama akka kanaa akka itti fufee jiraatu gochuun, walumatti qabnee sirna olaantummaa ykn dhirsi haadha warraa itti adamsu fedhii keenyaan mirkanisan jechuudha" wixinee kana ispoonsar kan godhe Green MP Marie-Charlotte Garin.

"Gaa'elli saalqunnamtiif hayyama kennuun kudhaama jireenyi akka itti fufu godhu ta'uu hin qabu."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seerri kun barreeffama seeraa kamiyyuu keessatti "dirqama gaa'elaa" jechuun ifatti kan hin kaafamne ta'us, waan ifa hin taane itti fufee ture ni haqa.

Yeroo ammaa kana Seerri Siviilii Faransaay dirqama gaa'elaa jedhu "kabaja, amanamummaa, deeggarsaafi gargaarsa" jechuun ibsa.

Akkasumas Seerri Sivilii kun wal fudhanii waliin jiraatan waadaa akka waliif galan kaa'eera.

Haata'u malee, seerri kun bakka kamittiyyu saalqunnamtiin gaa'ela keessatti dirqama yaada jedhu ykn saalqunnamtiin mirga kan jedhu hin eerre.

Kanaaf, maddi yaada kanaa [gaa'ela keessatti mirgi saalqunnamtii dirqama ta'uu] seera waldaa Kiristaanaa bara giddu-galeessaati.

Haata'u malee, abbootiin seera gaa'ela hiikuu ammayyaa keessa hojjetan, yeroodhaa gara yerootti hariiroo saalqunnamtii keessatti dabaluuf yaada "hawaasummaan/michummaan waliin jiraatan" jedhutti hiika bal'aa itti kennaa jiru.

Kanaaf fakkeenyi gaariin dhimma seeaa bara 2019 turedha. Dubartiin tokko waggoota dheeraaiif saalqunnamtii abbaa warraashee waliin raawwachuu didde.

Sababa kanaan rakkoo gaa'elli akka diigamu raawwatte jedhamuu irratti murtaa'ee ture.

Abbaan warraa dubartii kanaa "balleessaan" gamashee akka jirutti ilaalamee nseeraan ishee mo'atee akka gaa'elicha hiikamu taasifameera.

Haata'u malee, dubartiin kun dhimmicha gara Mana-murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaa (ECHR)tti geessite. Isaan booda, Faransaay gaa'ela keessatti saalqunnamtii diduu akka adabbiif sababa ta'uufi gaa'ela diigsisuuf hayyamuusheetiif akka balaaleffatamtu godheera.

Tarkaanfiin kun warra mirga dubartootaaf quuqaman biratti akkaan jajamee ture.

Murteen kun, warra mirga dubartootaaf falman (Femenistoota) biratti akka tarkaanfii jabaatti fudhatameera.

Murteen Mana-murtii Mirgoota Namoomaa Awurooppaa (ECHR) dabarse, daanyonni Faransaay dhimma gaa'ela hhikuu ilaallatan murtee kana fakkaatu akka hin kennine kan taasisudha.

Manneen murtiirratti dhiibbaan qabaatu baahhee ta'uu baatus, wixineen seeraa amma qophaa'e kun qaama seeraa ta'un isaa garuu waan hin oolledha.

Kanneen mirgoota dubartootaaf falman, haadhotiin warraa, abbootii warraa isaanii waliin "dirqama " saalqunnamtii raawwachuuf waliigaluu qabu yaadni jedhu ammallee yaada dhaabbataa ta'ee itti fufedha. Kun garuu dhimma dura dhaabbachuu barbaachisudha jedhu.

Adeemsi mana-murtii MZAAN bara 2024 – akka jijjiiramaa fakkeenya ta'etti ilaalama. Dubartiin maqaan ishee Giselee Pelikoot jedhamtu qorichaan akka of wallaantu taasifamtee dhiirota abbaan warraashee hafeereen irra deddeebiin akka gudeedamtu taasifamte.

Namoonni yakka kana dubartittiirratti raawwatan baayyeen isaanii waan abbaan warraashee isaanitti himee isaan hafeereen akka hayyamashee argataniitti dubbatan.

Akkuma biyyoota baayyee biroo Faransaay keessatti, gaa'ela keessatti fedhii malee saalqunnamtii raawwachuun akka dirqamaan gudeeduutti akka ilaalamuuf seerri baheera.

Baroota 1990 dura garuu gaa'elaan walitti dhufuun mataan isaayyu waligaltee waan ta'eef saalqunnamtiin addatti hayyama ykn waliigaltee addaa akka hin barbachifnetti ilaalamaa ture.