'Arsenaal barana waancaa hin mo'atu taanaan ofuma qofa komachuu qaba'

Madda suuraa, Getty Images
Priimer Liigii Ingiliziin amma taphoonni 24 taphatamaniiru, 14 ammoo ni hafu.
Yeroo kanatti Arsenaal qabxii 53 qabatee Liigicha dursaa kan jiru yoo ta'u, Maanchester Siitiin ammoo qabxii 47'n sadarkaa lamaffaarra jira.
Taphoota torban 24ffaa irratti Arsenaal mo'atee, Maanchester Siitiin Tootenhaam waliin qixa bahuun garaagarummaan sadarkaa tokkoffaafi lammaffaarra jiru qabxii 6 ta'eera.
Aston Viilaan ammoo Bireentifoordiin mo'amee carraa garaagarummaa Arsenaal waliin qabu gara afuriitti dhiphifachuu qabu dhabe.
Deeggartoonni Arsenaal bara baayyee 'waancaa harka galfanne' jedhanii arganii dhabuun isaan 'waan nuffisiise' fakkaata.
Kanaaf, akkuma barame lamaffaa ta'anii harka qullaa hafnaan waywaataa deeggaru. Sodaan deeggartoota Arsenaal kun ammoo kilabicharratti, akkasumas taphattootaarratti dhiibbaa uumu qaba.
Kanaaf, jecha Mikeel Arteettaan hanga danda'ametti deeggartoota tasgabbeessuuf yaala.
Keessumaa gareen peep Gaardiyoolaa fi Unaay Emirii (Maanchester Siitii fi Aston Viilaa) duubaan Arsenaal hordofuun birrachaa akka deemu isa gochuun isaa waan hin oolledha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban darbe tapha torban 23ffaa irratti Maanchester Yunaayitidiin mo'amuun Arsenaal ammoo yaaddoo jiru akkaan hammeesseera.
Torban kana garuu Arsenaaliif aara galfiidha. Arsenaal mo'atee, Aston Viilaan mo'ameera. Maanchester Siitiin ammoo walqixa baheera.
Kanarraa ka'uun Arteettaa fi taphattoota Arsenaaliif waancaan 'Amma ykn yoomiyyu hin jiru' [Now or Never' jedhamaa jira.
Arsenaal para kana shaampiyoonaa Piriimer Liigii hin ta'u taanaan namni ykn qaamni komatu hin jiru; ofuma qofa komachuu qaba jedhamaa kan jiruufis kanumaafidha.
Waancaa waggootaaf Maanchister Siitii fi Liiverpuul mo'atan kana gareen Arteettaa haala kanaan ijaarame hin mo'atu taanaan dhiifamni ofiifis godhan tokkollee hin jiraatu jedhe jedhe xiinxalaan kubba miilaa beekamaa Fiil Maaknaaltii.
Arteettaan torban dura Nootiingihaam Foorest waliin yeroo qixa bahan mo'uu dhabuu isaaniif sababoota dhiyeessee ture.
''Baay'ee gaddineerra, mo'uu barbaannee ture. Garuu Foorest irratti carraa goolii guddaa afur argannee ture. Itti hin fayyadamne.
Rukuttaa peenaaliitii argachuu qabna ture. Maaliif akka nu dhowwatan hin barre.
Kileboota hedduutu qabxii gate, waan goonu hin jiru jabaannee dhufuu malee,'' jedhee ture.
Haala Liigicha keessaatti tahaa jiru hundaa yoo ilaaltu Arsenaalii fi Arteettaaf barana injifannoon hin jiru taanaan yoomuu hin jiraatu jetta.
Yoo haala amma jiran kanaan waancaa hin mo'atan tahe gaabbiin keessa galan inumaayyuu guddaa taha. Haalli hunduu isaaniif kan mijate fakkaata.
Garuu tapha lama walitti aansuun galchii lakkoofsisuu dhabuun Arsenaal fuuldura irraa nama galchii lakkoofsisu jabaa tokko dhabuu isaa agarsiisa.
Morkattoonni isaanii Maanchister Siitii fi Liiverpuulis akkasuma qabxii gataniiru. Garuu Arsenaaliif kun carraa mancaasan tahuu mala.
Gareen Arsenaal hordofaa jiran hunduu qabxii barbaadan walitti fufuun argachaa hin jiran.
Maanchister Siitiin morkataa isaa Maanchister Siitiin yeroo mo'amu Astoon Viilaan ammoo carraa maanchister Siitii darbuu qaba ture. Garuu isaanis dirree isaanii irratti Everteeniin mo'aman.
Tapha torban 23ffaa irratti shaampiyoonaa bara darbee Liiverpuul dirree isaa irratti Barnilee waliin qixa bahe. Arsenaal irraa qabxii 14'n boodatti hafaniiru.
Unaay Imiree waayeema waancaa mo'achuuyyuu haasa'uu hin barbaanne.
Carraa sadarkaa lammaffaa galuu kan dhabe Viilaan ammaan booda deebinee cimnee mo'acuu qabna jedhe Imireen.
''Yeroo mo'amtu ni gaddita, yeroo mo'attu ni gammadda. Bara kana isa gaddina caalaa isa gammanne caala.''
Arsenaaliif yaaddoo guddaa tahu kan jedhaman Maanchister Siitiidha. Garuu qabxii 12 keessaa sadii qofa argatan.
Arsenaal waggoota sadan darban sadarkaa lammaffaan xumure. Barana yeroo morkattoonni isaanii kufan kanatti garuu waancaa kana mo'achuuf tattaafataa jiru.
Garuu hiree isaanii murteeffachuun harkuma isaanii keessa jira.
Arteettaan sarara hunda irrattiyyuu taphattoota gahumsa guddaa qaban hedduu qaba. Garuu ammayyuu garaagarummaan uumuu qabu kanaa ol tahuu qaba.
Xiinxaltoonni hedduun Arsenal bara kana waancaa Piriimer Liigii mo'achuu qaba jedhanii amanu.
Yoo waancaa dhabe garuu ofiisaa qofa komachuu qaba.
'Tapha 14'tu hafa, garaagarummaa qabxii 6 qofa ' -Peep Gaardiyoolaa
Maanchester Siitiin Tootenhaamiin 2 fi 0'n dursaa turee goolii Dominiik Solaankee boqonnaa booda lakkoofsise lamaaniin qabxii qooddatee bahuuf dirqame.
Siitiin osoo har'a mo'ateera ta'ee garaagarummaan Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal waliin qabu qabxii afuritti xiqqeeffata ture. Amma garuu garaagarummaa qabxii ja'aan caalameera Siitiin.
Peep Gaardiyoolaan 'morkii waancaaf taasifamu keessaa hafneerra jettee yaaddaa?' jedhamee gaafatamee, "Taphoota 14'tu hafa, garaagarummaa qabxii 6 qofa" jechuun Arsenaal biraa akka hin hafne dubbate.















