Haleellaa Israa'eliin Gaazatti namoonni heddu du'uu hordofee Masrii fi Kaatar ibsa baasan

Dawoo baqattoota Kahan Yohunis dabalatee gaazaa bakka hedduttu haleellaan raawwatame

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dawoo baqattoota Kahan Yohunis dabalatee gaazaa bakka hedduttu haleellaan raawwatame

Haleellaa qilleensaarraa Israa'el Sambata darbe Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 32 du'uu aanga'oonni naannoo beeksisaniiru.

Dhaabbanni Ittisa Siiviilii kan Hamaasiin geggeeffamu, namoota du'an keessaa daa'immaniifi dubartoonni akka heeddummatan ibseera.

Itti dabaluudhaanis haleellaa xiyyaaronni waraanaa raawwatan keessaa tokko dunkaana buufata buqqaatota magaalaa kibbaa Kahan Yohunis jedhamu keessatti argamu barbadeesse.

Lammileen filisxeem dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaa, jaarsummaa Pirezidaantii Ameerikaa Tiraampiin Onkoloolessa darbe jalqaba erga hojiirra oole as haleellaan amma raawwatame kun baay'ee cimaa ta'uu ibsaniiru.

Waraanni Israa'el gama isaan haleellaan hedduun raawwatamuu kan mirkaneesse yoo ta'u, kunis ''isa Hamaas Jimaata darbe waliigaltee kana cabsuu isaa ibseef deebii kennuufidha'' jedheera.

Israa'elii fi Hamaas lamaan isaaniyyuu waligaltee dhukaasa dhaabuu erga bara darbe hojiirra oolee as cabsuun wali walii isaanii himataa turan.

Ibsi Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) fi Tikaa biyyattii baasan akka jedhutti, Israa'el "bakka ajaja waraanaa afurii fi bu'uuraalee shororkeessummaa lafa jalaa baha Rafah" keessaa jiran irratti xiyyeeffattee haleellaa rawwachuu ibsan.

Akka ibischaatti dabalataanis ''bakka kuufama meeshaa waraanaa, bakka meeshaa waraanaa itti qophaa'anii, fi bakka rookkeettiiwwan Hamaas haleellaa rawwatan lama kan giddugala Gaazaa keessatti argamu fa'i''

Hamaas haleellaa kana balaaleffachuun Ameerikaan tarkaanfii hatattamaa akka fudhattu gaafachuun, ''sarbamni itti fufiinsa qabu'' kun Israa'el ''waraana gara jabeessa fi duguuggaa sanyii Gaazaa irratti geggeessaa jirtu itti fuftee jirtu'' kan mirkaneessan ta'uu ibseera.

Magaalaa Gaazaattis buufanni poolisii rukutamee yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefameera jedhu aanga'oonni naannoo

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Gaazaattis buufanni poolisii rukutamee yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefameera jedhu aanga'oonni naannoo
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasumas namoota ajjeefaman keessaa torba maatii buqqa'uun buufata dawoo Kahan Yunis jedhamu keessa jiraatan ta'uu kan ibse yoo ta'u, dubbi himaan ittisa siiviilii itti dabaluudhaan ammoo haleellaan kun gamoolee mana jireenyaa, dunkaana fi buufata poolisii rukuteera.

Qondaaltonni Hospitaala Shifaa Magaalaa Gaazaa akka jedhanitti haleellaan xiyyaaraa magaalattii keessatti raawwatameen gamoo mana jireenyaa haleelleen daa'imman sadii fi dubartoonni lama ajjeefamniiru.

"Ijoollee obboleettii koo sadii ajjeefamn karaa irratti argine. . Isaan 'dhukaasa dhaabatee kana achi nagaadha jedhanii yaadaa turan.. Garuu amma ijoolleen sun maal balleessan ? Nuti maal goone?" jedha Samer al-Atbash, eessumni ijoollee sadan ajjeefamaniidhaabbati oduu Rooyitarsitti akka dubbatetti..

Viidiyoo fi suuraan naannoo Gaazaa irraa argame reeffa hedduu caccabaa keessaa yeroo baafaman akkasumas gamoowwaan hedduunis guutummaatti barbadaa'uu agarsiisa.

Haleellaan kun kan raawwatame yeroo Kolidariin Raafaa, daangaa Gaazaa fi Masrii, Dilbata deebi'ee banama jedhamee eegamutti.

Ministeerri Dhimma Alaa Masrii ibsa AFPn argeen haleellaa kana balaaleffachuun, qaamoleen hundi ''guutummaatti of to'achuu akka agarsiisan'' gaafateera.

Marii dhukaasa dhaabuu kana keessatti mariisistoota gurguddoo keessaa tokko kan taate Kaataar, ''Israa'el irra deddeebiin sarbamiinsa raawwatte'' balaaleffachuu ministeerri dhimma alaa biyyatti ibseera.

Baatii Amajjii keessa ergamaan addaa Ameerikaa Isteev Wiitkoof waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaa jalqabuu beeksiseera.

Marsaa jalqabaa irratti Hamaas fi Israa'el dhukaasa dhaabuu Onkoloolessa bara 2025 hojiirra oole, akkasumas namoota booji'amanii fi hidhamtoota wal jijjiiruu, loltootni Israa'el Gaazaa keessa ba'uu fi gargaarsi namoomaa taasifamu irratti waliigalan.

Lolli Israa'elii fi Hamaas gidduu jiru kun kan jalqabe haleellaa Hamaas durfamu Onkoloolessa 7, 2023 kibba Israa'el irratti raawwatameen booda yoo ta'u, namoonni gara 1,200 ta'an ajjeefamanii, namoonni 251 ammoo erga butamanii booda ture.

Israa'el deebii kennuudhaan duula waraanaa Gaazaa irratti banuun, yoo xiqqaate namoonni 71,660 ol ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu.

Ministeerri kun akka jedhetti erga waxabajjii 10, 2025 dhukaasa dhaabuun jalqabee yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem 509 ajjeefamaniiru. Akkasumas loltoonni Israa'el afur ajjeefamaniiru.

Israa'el kanaan dura lakkoofsa ministeera fayyaa Hamaasin hogganamu irraa argame kana mormaa turte. Maddi nageenyaa olaanaan tokko miidiyaa biyya keessaaf akka himetti, waraanni kun yeroo waraana Gaazaatti lammiileen Falasxiin kuma 70 ol akka ajjeefaman eere.

Lakkoofsi ministeerri fayyaa dhiyeesse kun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbileen mirga namoomaa biroo biratti amanamaa ta'ee kan fudhatame yoo ta'u, miidiyaaleen addunyaa bal'inaan lakkoofsa kana fayyadamuun gaabasa baasu.

Israa'el BBC dabalatee dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa Gaazaa seenanii gabaasa akka hojjatan hin hayyamtu.