Deggartoonni Arsenaal imala kilabichi gara waancaatti taasisurratti dhiibbaa uumaa jiruu?

Arsenal fans

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Arsenal are seeking their first top-flight title since 2004

Arsenaal dorgommii waancaa Piriimer Liigii olaantummaan dursaa jira, garuu muddamaa fi naasuun itti hammaateera, deeggartoonnii fi jaallattoonni dhiibbaa iraan ga'aniiruu?

Kilabni kun dorgommii Chaampiyoonsi Liigiis osoo hin mo'amin taphoota saddeet mo'achuun gara 16tti darbeera.

Dorgommii Waancaa Karabaawoo ammoo maayii xumuraaf tapha jalqabaa Chelsii injifatee xumuraaf darbuuf tapha lammataa eegaa jira.

Dorgommii Waancaa FA keessas jira, marsaa afraffaatti darbeera.

Garuu erga Maanchistar Yunaayitid Emireet irratti isa injifatee qeeqi itti heddummaateera. Arsenaal bara kana yeroo jalqabaaf dirreesaarratti kan mo'ame tapha kana.

Yeroo deeggartoonni isaa akka baroota darbee ammas lammaffaan akka hin xumurre sodaataa jiranitti haala kanaan injifatamuunsaa dhiibbaa jala akka galu isa taasiseera.

Arsenaal baroota darban sadan walitti aansuun sadarkaa lammaffaan xumure.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa deeggartoonni kilabicha faana hiriiruun akka dorgommii waancaa inni taasisaa jiruuf hamilee ta'uuf gaafateera.

Arsenaal ammas abdii qaba, tapha Sambata har'aa Liidsi faana qabu injifatee liigicha dursuun dorgommii waancaawwan afuriif taasisaa jiru cimsee itti fufuu danda'a.

''Eessa akka jirtan, sadarkaa kamitti akka yaadaa jirtan sirriittin hubadha. Yoo tapha tokko mo'amtan baayyee yaaddoftu,'' jedhe Arteettaan.

''Waan hedduu yeroo tokkotti milkeessaa jirra. Sanarratti haa xiyyeeffannu. Gama hundaanuu ga'umsa keenya fooyyessinee akka milkoofnu mirkana. Miira amma jiruun, ofitti amanamummaa fi ga'umsa qabnuun yoo ilaallu daandii sirriirra jirra.''

Garuu dhiphinni deeggartoota bira jiru kilabicharratti dhiibbaa uumaa jiraa? Dhiibbaa akkamii fiduu danda'a?

Viktor Gyokeres

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Viktor Gyokeres taphoota hundarratti goolii 10 Arsenaaliif galche
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal wantoota ittiin qeeqamu keessaa inni ijoon taphataa cimaa goolii hedduu lakkoofsisuuf hin qabu kan jedhuudha.

Wayita Viktor Gyokeres paawundii miiliyoona 64n mallatteessisan goolii oomisha jedhanii eeganii turan, inni garuu hanga yoonaatti dorgommii Piriimer Liigii irratti goolii shan qofa Arsenaaliif galche.

Haata'u Arsenaal ammallee fuuldura irratti ga'umsa ajaayibaa galmeessisaa jira. Ammoo fuulduratti kubbaa gara gooliitti geeddaruun Gyokeres qofaa miti kan rakkisaa jiru.

Taphattoonni kaanis wal'aansoodhumaan goolii lakkoofsisaa jiru, innis akkasuma.

Yeroo ammaa taphattoota Piriimer Liigii keessaa taphattoonni sarara duraa Arsenaal lakkoofsa goolii galchaniin duuba jiru.

  • Gyokeres - taphoota Piriimer Liigii 11 darban irratti kubbaa peenaalitii hin taane tokkollee hin galchine
  • Bukayo Saka - taphoota 13 darban irratti goolii hin galchine
  • Gabriel Martinelli - taphoota 13 darban irratti goolii hin galchine
  • Noni Madueke - taphoota 25 darban irratti goolii hin galchine
  • Leandro Trossard - dorgommiiwwan hundarratti taphoota 11 darban irratti goolii tokko galche

Dursaan duraanii taphattoota garee Ingilaand Steph Houghton ''hunda caalaa kan Saka na ajaayiba. Taphoota hundarratti waan goolii galchee fi kubbaa mijeessee kenne fakkaata. Garuu taphoota 13 darban irratti kana hunda keessaa dhabuunsaa baayyee nama ajaayiba,'' jedhe.

Arsenaal baroota taphaa darban sadan yeroo kanatti akkuma kana dursaa Piriimer Liigii ture.

Garuu waancaa liigichaa yeroo tokko qofa nyaate, 2003-04.

BBC Ispoortiif kan barreessitu Laawuraa Kirki Firaansis yeroo ammaa dhiphina hammaachuu fi miirri deeggartootaa akka waan waa dhabaniitti hubatamuu eegaluu barreessite.

''Wantoonni muraasi walitti dabalamuun kana fidu. Garuu taatee baroota taphaa lamaan mudatan ammallee yaaddoo uumu. Yeroo wayii duubatti deebi'u kan jedhu,'' jette.

Keessattuu tapha Maanchistar Yunaayitid booda miirri kun baayyee heddummaateera jetti barreessituun kun.

Erga 2004 waancaa nyaatanii, yeroo dheeraa booda ammoo baroota taphaa darban yeroo lama Maanchistar Siitii booda, yeroo tokko (bara darbe) ammoo Liiverpuuliin caalamuun xumuran.

Bara kana taphoota 23 booda Siitii fi Aston Viilaa qabxiin afuriin, Liiverpuuliin ammoo qabxii 14n caalanii jiru.

''Dhiphinni fi muddamni kan dhufu tokko gareen kun dhugaadhumatti waancaatu malaaf, injifannootu malaaf,'' jette.

''Ga'umsa taphattootaa, akkaataasaan itti dhufan, osoo walirraa hin kutin akkaataasaan itti raawwii gaarii agarsiisaa jiran ammoo yeroo ammaa akka itti jalqabanirra jiraachuu dhabuun akka dhiphina keessa galan isaan taasiseera.''

''Deeggartoonni Arsenaaliif barana yoo ta'uu baate yoomuu hin ta'uuf jedhanii amananis jiru. Keessattuu yeroo Liiverpuul duubatti deebi'ee, Maanchistar Siitiin ga'umsa duraarra hin jirre kanatti Arsenaal waancaa nyaachuu qaba jedhanii kan yaadan.''

Dhiphinni fi muddamni kun kanarraa kan dhufuudha kan jettu Laawuraa Kirk Firaansis, Arsenaalis waan itti dhihaate harkaan ga'achuuf baayyee muddameera jetti.

''Arsenaal godaannisa qaba. Dorgommiiwwan darbanis dorgomaa ta'uu dhabee miti kan waancaa dhabe. Ammas sun nutti deebi'a sodaa jedhu qabu, kun dhiphina keessa isaan galcha.''